Faaruun kan Rabbii aalamaati, nagayaa fi rahmanni ergamaa isaa arjaa, shariikkan isaatii fi aalii isaa hundarratti haa buutu, kitaabni kun kitaaba tolaa gosoota kadhaalee walitti qabduu hedduu (faaruu Rabbii oltahee, kadhaalee Qur’aanaa, kadhaalee Nabiyyii (s.a.w), maganfannaa Nabiyyii (s.a.w) ruqiyaa shari’aa) if keessaa qabudha, akkasuma adaboota kadhaa, kadhaalee sahiiha qofa akka taatuufin kajeele, muslimni hundi kadhaa Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufte tan keyrii hedduu if keessaa qabduun akka tattaafatuuf, kadhaa hunda afaan Arabiffaatiin barreeffamtee afaan Oromootiin akka hiikamtun godhe, akkaataa itti dubbifamtus barruun, hojiin tun fuula isaatiif qulqulluu akka taatun Rabbii oltahe kadhadha, Rabbiin nagayaa fi rahmata Nabiyyii keenya Muhammad, shariikkan isaatii fi aalii isarratti haa buusu.
Dr. Abdallaah bin Hamuud Alfariih