12

Ulaagaalee fi of eeggannoo yeroo ruqiyaa godhatan eeggamuu qabantu jiru isaanis:

1- Ruqiyaan sahiiha tahuu, Qur’aanaa fi hadiisarraa tahuu, shirkii, bid’aa fi haraamirra fagaachuu akki itti godhanii fi akki ittii dubbatanis.

2- Muslimni Rabbiitti rarra’uu isarratti irkachuu qaba, iznii Rabbiitiin malee ruqiyaan akka humaan hin tarre beekuu qaba.

3- Ruqiyaa yaaliif (qormaataaf) godhuu hin qabu, akka isiin fayyaddu beekuu qaba, namni godhuu fi godhatus akka bu’aa qabduu fi akka fayyistu amanuu qaban.

4- Qur’aanni guutuun isaa qoricha, Rabbiin akkana jedhe: (ni buufna Qur’aanarraa waan fayyaa fi rahmata mu’uminootaaf) garuu waan ruqiyaa keessatti bu’een ruqiyaa godhachuutu caala.

5- Dhukkubsataaf irra caalaan mataa isaatiif ruqiyaa godhuudha, kanaatu irra bu’aa qaba, irra dhugaadhas miskiinummaaf haajaa isaa Rabbiif mul’isuu keessatti, niyyaa fi qalbiin jiraachuun bu’aa gudaa qaba ruqiyaa keessatti.

12/12