Kadhaa isaa faaruu Rabbiitii fi Ergamaa isarratti salawaata buusuun jalqabuu,hadiisa Fadaala binu Ubeyd saahiba Ergamaa Rabbii (s.a.w) akkana ja’a: Ergamaan Rabbii namticha salaata isaa keessaa kadhatu dhagahe kan Rabbii ol tahen guddisins, kan Nabiyyirratti salawaata hin buusin, Ergamaan Rabbii akkana je’e: “kun ni jarjarfate” eegasii isa yaamee akkana je’een: “tokkoon keessan hogguu salaatu, Rabbi guddisuu fi faarsuun haa jalqabu, eegasii Nabiyyirratti salawaata haa buusu, eegasii waan barbaadu haa kadhatuu” Yoo Rabbi faarsuun jalqabe aayatoota faaruu jalqaboota suuraawwanii irratti argan faadhaan nidhufti, eegasii Rasuularratti salawaata buusee (s.a.w) eegasii Rabbi faarsee gosoowwan faaruutiin isaan keessaa kan dhufantu jira qeebalamuuf hoggus irra dhiyaatti.
4