1
Rabbi kadhachuu qaba zannii toluu wajjiin, kadhaan isaa akka deebituuf yaqiina godhuu qaba, jarjarfatuu hin qabuu deebii kadhaa keessatti. Inumaa Rabbiin akka kadhaa isaa deebisuuf yaqiina godhuu qaba. Abbaa Hureyrarraa Ergamaa Rabbirraa (s.a.w) akkana ja’e: “Gabrichaaf deebifamuufiin hafan qabu, waan dilii fi fira muruu hin kadhatiniin, waan hin jarjarfatiniin” ni ja’an yaa Ergamaa Rabbii maali jarjarfanni? Ni je’e: ni ja’a “kadhadhee, kadhadhee waan naaf deebi’un agarre, if nyaateeti kadhaa dhiisa” Muslimtu odeyse (2735)