1
Yeroo Rabbi kadhatu xahaara qabaachuu, akka salaataaf wudu’a godhatutti godhatuu, hadiisa Abii Muusaa (r.a) sahiiheyni keessa jiruu fi seenaa isaa adeera isaa Abbaa Aamir (r.a) waliin hojjateef jacha, Hadiisatti Abuu Aamir Abaa Muusatti dhaammate akka Nabiyyii kadhaa kadhachiisuuf Abuu Muusaanis itti hime, Ergamaan Rabbii bishaan akka fidaniif gaafate, irraa wudu’a godhatee aa isaameen ol qabee eegasii akkana ja’e: “Yaa Rabbi Ubeydi (Abbaa Aamiriif) araarami” hangan addeenya bobaa isaa argutti, eegasii akkana je’e “Yaa Rabbi guyyaa qiyaamaa uumamtoota kee ykn nama hedduu irraa ol isa godhi Bukhaariitu gabaase lakk (4323) Muslimtu gabaase lakk (2498)